BARREESSAA KITAABICHAA
Barreessaan kitaabichaa Ifargan Guddataa jedhama. Odeeffannoo Ifargan guutummaatti dubbisuuf as tuquun dubbisaa.Dabalataanis karaa toora saba himaalee Ifargn garaagaraa argachuun ni danda'ama. Isaan keessaas Facebook isa tokko.
Webpage asiin olitti mul'atu irra caalaatti namoota/ dhaabbilee hojii frelancer barbaadaniif akka CV_tti kan qophaa'e yoo ta'u namoota dubbisuuf fedha qabaatan hundaafis ni eeyyamama. Ifargan eenyu kan jedhus karaa salphaan akka hubataniif odeeffannoo guutuu qaba jennee amanna.
Dandeettiiwwan gama kompiitaraan wal qabatu biratti Ifargan barreessaa, dubbisaa, fi designer ta'uun isaa rakkoowwan mudatan roga maraan ilaalee furmaata waaraa kennuu nama danda'u ta'uusaa ragaa bahaaf. Yaadota namootaa haala salphaan hubachuu, namoota waliin hojjechuu, rakkoowwan sababeessuu fi furmatessuu, karaa ammayyaawaa ta'een wantoota jireenya namaa salphisan uumuuf carraaquu fi kanneen kana fakkaatan wantoota Ifargan adda taasisanidha. .
BARNOOTA IDILEE
Barnoota idileen gaafa ibsinu, Ifargan digirii isaa jalqabaa saayinsii kompiitaraatiin /Computer science/ yuunivarsiitii guddicha, yuunivarsiitii Haramaayaa irraa qabxii olaanaa(GD) eebifame. Digirii lammaffaa isaa immoo yuunivarsiitii ammayyaawaa, yuunivarsiitii saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Data Science barachaa jira.
Karaa barnoota Idileetiin dandeettiiwwan Computer science ta'ee Data science keessa jiru gahumsa gaariin kan gara hojiitti jijjiirudha.
HOJII IDILEE
Hojiin idilee Ifargan, academics waliin kan wal qabatedha. Yuunivarsiitii isaa jalqabaa, Haramaayaatti gargaaraa Leekchararii ta'uun hojjeta. Kanaanis muuxannoo waggaa lamaa kan qabu yoo ta'u, akkuma barnoota digirii lammaffaa isaa xumureen Leekchararii ta'ee kan ogummaasaa itti fufu ta'a.