DUBBIFTOONNI QIMMIIDDAAN MAAL JEDHAN?
ISINOO MAAL JETTAN?
Kana qofaa miti, warri qimmiiddaa dubbise baay'ee jaalate. Isinoo dubbiftaniittuu? Yoo dubbiftan Qimmiiddaan maal jechuu barbaaddu? Yaada keessan nuuf laachuuf Email nuuf ergaa.
Qimmiiddaan maal jalqaba godhatee barreeffamee?
Qimmiiddaan namoota maal na dhibdeedhaan xiinsammuu, qaamaa fi jireenya namoota naannoo isaanii miidhaa jiraatanii fi namoota hubannoo dhabuu, jaala ofiif qabaachuu dhiisuu fi sababoota garaagaraatin ofii isaanii miidhaa jiraataniif fakkeenyota garaagaraatiin qindeeffamee hubannoo guutuu uumuuf kan dhiyaatedha.
- Maatii daa'imman isaanii haala isaaniif hin malleen guddisaa jiran ni dheekkama, haala mijaawaa akeeka.
- Dargaggoota amala badoo calaqqisiisan ni gorfata, karaa gaarii agarsiisa.
- Namoota ilaalcha hawaasummaa sirrii hin taaneen takaalamanii rakkataniif fakkeenyota garaagaraa dhiyeessuun ilaalcha isaanii akka sirreeffataniif gorsa laata
- fi kanneen kana fakkaatani
BARRESSAAN KITAABICHAA EENYU?
Barreessaan kitaabichaa Ifargan Guddataa jedhama. Nama jaalalli ogbarruu keessa isaa weeraree fi jaalala kitaabileetiin kan to'atamedha. Ifargan kitaaba dubbisuu baay'ee jaalata. Jaalalli inni kitaaba dubbisuuf qabu kunii fi amaleeffannaan isaa hanqina ogbarruu Oromoo keessa jiru hubachuun kitaaba mataasaa akka qopheessuuf waan isa kakaase fakkaata.
KITAABILEE BIROO
Barreessichi, Ifargan Guddataa Qimmiiddaa qofaan waan dhaabbate hin fakkaatu. Kitaabilee biroo kan jaalala uummataa isa gonfachiise bifa PDF-tiin hojjechuun karaa social media, keessumaa karaa Telegram isaaniimaxxansuu kan amaleeffateedha. Kitaabilee kanneen webpage Ifargan Guddataa jala seenuun tab MY BOOKS jedhu tuquun gadi buufachuu dandeessu.